Haala Qolleensaa Ganna

This content has been professionally translated in other languages.

Este contenido ha sido traducido profesionalmente a otros idiomas.

此內容已被專業翻譯成其他語言。

此内容已被专业翻译成其他语言。

Nội dung này đã được dịch chuyên nghiệp sang các ngôn ngữ khác.

Qoraalkan waxaa si xirfad leh loogu turjumay luqado kale.

Ang nilalamang ito ay propesyonal na isinalin sa ibang mga wika.

이 콘텐츠는 전문적으로 다른 언어로 번역되었습니다.

ይህ ይዘት በሙያዊ በሌሎች ቋንቋዎች ተተርጉሟል።

Этот контент был профессионально переведен на другие языки.

このコンテンツは専門的に他の言語に翻訳されています。

እዚ ትሕዝቶ ብሞያዊ ኣገባብ ብኻልእ ቋንቋታት ተተርጒሙ ኣሎ።

Qabiyyeen kun ogummaadhaan afaanota birootiin hiikameera.

इस सामग्री का व्यावसायिक रूप से अन्य भाषाओं में अनुवाद किया गया है।

Ce contenu a été traduit professionnellement dans d'autres langues.

Цей вміст було професійно перекладено іншими мовами.

ខ្លឹមសារនេះត្រូវបានបកប្រែដោយវិជ្ជាជីវៈជាភាសាផ្សេង។

تمت ترجمة هذا المحتوى بشكل احترافي إلى لغات أخرى.

Baga gara marsariitii Deebii Haala Qilleensaa Ganna SDOT dhuftan akkamitti SDOTn obomboleettii qorraaf qophaa’uu fi Siyaatil nageenya isii eeguuf deebii akka kennitu baruuf.

Rooba Cabbii fii Cabbii lafarra ture dura

Waan hin eegamneef mana keessan qopheessaa.

  • Obomboleettii dura kuusaa. Karoora balaa maatii, bilbila harkaa fi chaarjii socho’aa, raadiyoo baatiriidhaan hojjatu, shoofoo cabbii, boorsaa soogidda daandii, uffata ho’aa, firaasha dabalataa, ibsaa harkaa, meeshaa gargaarsa jalqabaa, fi dhiyeessii nyaataa/bishaan/qoricha yoo xiqqaate guyyoota sadiif qabaachuu.
  • Qophaa'uuf akka si gargaaru Tarree Arfixoo Gannaa buufadhu. Tilmaama haala qilleensaa dhaggeeffadhaa, yoo qilleensi hamaan isin mudate karoora qabaadhaa. 

QOPHII HAALA QILLEENSA GANNAA

Imala xiqqeessaa, yoo imalli barbaachisaa ta'e garuu wantoota armaan
gadii konkolaataa keessan keessa kaa'aa:
• Uffata oo'aa fii uffatta qorraa kiisa duubaa konkolaataa keessaa kaa'aa
• Sansalata ykn meeshaalee harkisaa biroo kiisa duubaa konkolaataa
keessanii keessa kaa'aa
• Taankii gaazii guutuu, farra qabbanaa’aa, fi keebilii dabalataaο Nyaata
salphaa fi bishaani
• Cirracha/ shoofoo konkolaataa keessan keessaa
• Haxaa'aa fuula konkolaataa
• Balaqqee, ifaa harkaa baanki konkolaataa keessanii keessa jiru
• Karoora balaa maatii
• Karoora mana barumsaa fi kunuunsa guyyaa wajjin wal baruu
• Karoora da'oo filannooο Daandiiwwan cabbii adda baafaman
• Mobaayilaa fi chaarjii socho'aa
• Alaabaa dhiphina hatattamaa
• Kaartaa waraqaa

• Raadiyoo baatiriidhaan hojjetu/ibsaawwan harkaa
• Mobaayila, chaarjii socho'aa, fi baatirii dabalataa.
• Nyaataa fi bishaan
• Qorichoota barbaachisoo fi meeshaa gargaarsa jalqabaa
• Karoora balaa maatii 

YAADADHU! Gonkumaa mana keessaa kasalaa fayyadamtanii mana keessatti  hin bilcheesinaa ykn Iddoo ibiddaa kaampii gaazii socho’aa hin fayyadaminaa.

Aarri nama ajjeesa.

Naanna'uu

Hin Oofin: Yoo dirqama hin taane hin oofin. Yoo konkolaachisuun dirqama ta’e, konkolaataan kee qophaa’uu isaa mirkaneessi.

Geejjiba Hawaasaa Fudhadhaa: Konkolaataa oofuu mannaa, geejjiba hawaasaa fudhadhu. SDOTn sararri atobisii akka darbamuu danda'amu mirkaneessuuf Metro Transit waliin walitti dhiyeenyaan hojjeta.

Nageenyaan Biskileetiin Deemuu: Uffata calaqqisiisaa, ibsaa fi kophee haala qilleensaa fi nageenyaaf ta’u uffadhu. Waan haalli daandiwwanii hoggasuma jijiramuuf jecha, akkaa malee if eeggannoo godhi waan atiifii konkolaachiiftoonnis dhaabuuf yeroo dheeraa isin barbaachisuuf.

Cufamuu fi karaa irraa maquu Daandii Abboomamuu: Mallattoo daandii cufuu fi karaa irraa maquuf ajajamuu. Mallattoolee kun nageenya keessaniif jecha poolisiin kaa'ame.

Yeroo bokka arfixoo akkamitti Seattle nagaan akka socho'u gochuu dandeenyu fuula Getting Around keenya irratti caalaatti baradhu.

Maddeen

Kaartaawwan Haala Qilleensaa Gannaa

Cinaa dandii miilaa qulqulleessaa

Yeroo obomboleettii cabbii roobe daandii miilaa mana ykn daldala kee fuuldura jiru qulqulleessi. Seeraa fi waan sirrii ta'ee namni hundi nagaadhaan akka imalu gochuun, keessattuu namoonni naanna'uuf rakkatan.

Siyaatil daandii miilaa maayilii 2,400 ol kan qabdu yoo ta’u, hojjattoonni keenna yeroo tokkotti bakka hunda ta’uu hin danda’an. Gahee keessan akka baatan isin irratti hirkanna, kanaaf daandiwwan miilaa gamoo dhuunfaatti dhihoo hin jirre qulqulleessuu fi daandiwwan magaalattii baay’ee murteessaa ta’an qulqulluu taasisuu irratti xiyyeeffachuu dandeenya.

  • Qophaa'aa — Obomboleettii dura kuusaa. Yoo xiqqaate guyyoota sadiif shoofoo/akaafaa cabbii, boorsaa soogidda daandii, uffata ho’aa, uffata qorraa halkanii dabalataa, ibsaa harkaa, meeshaa gargaarsa jalqabaa, fi dhiyeessii nyaataa/bishaan/qoricha qabaachuu.
  • Osoo Hin qabbanaa’in dura — Soogidda dhagaa (ykn oomisha naannoodhaaf mijatu kan biraa) daandii miilaa kee, daandii deemsaa fi raampii daandii irratti facaasuun akka cabbiin hin uumamneef
  • Ollaa kee Ilaali — Gargaarsa kee fayyadamuu akka danda’an yoo beekte ollaa kee waliin ilaali. Waliin hojjadhaatii karoora bilookii daandii miilaa, bishaan obomboleettii, fi raampii daandii qarqara keessan rooba cabbii/cabbii irraa qulqulluu ta’uu mirkaneessuuf baafadhaa.
  • Yeroo roobni cabbii bu’u— Daandii Miilaa Qulqulleessi — Roobni cabbii gara cabbiitti osoo hin jijjiiramne dura sa’aatii 12 keessatti daandii miilaa mana ykn daldala kee fuuldura jiru qulqulleessi.

Rooted in Rights waliin taanee viidiyoo uumuun barbaachisummaa daandii miilaa mana isaanii, daldala isaanii fi bakka hojii isaaniitti dhihoo jiran irraa rooba cabbii fi cabbii qulqulleessuu irratti namoota barsiisu. Odeeffannoon kun obomboleettii Gannaa booda namni hundi akka salphaatti fi nageenya qabu akka naanna'u taasisa!

Gargaarsa Cabbii Haruu gaafadhu

Namoonni rooba cabbii fi cabbii daandii miilaa fi daandii deemsa miilaa naannoo mana isaanii irraa axaa'uf gargaarsa barbaadan Sagantaa Ollaan Ollaa Gargaaruun Rooba Cabbii Qulqulleessu irraa gargaarsa gaafachuu danda'u!

Yoo yeroo qorraa fi yeroo qorraa gargaarsa tola ooltummaa qorra shoofoo gochuuf galmaa’uu barbaaddan, maaloo garee kunuunsa maamiltootaaf iimeelii 684-Road@seattle.gov irratti nuuf erguun ykn (206) 684-7623 bilbiluun galmaa’aa. Osoo qilleensi qorraa hin dhufin tola ooltuu naannoo keessan jiru waliin isin wal qunnamsiisuuf waan dandeennu hunda ni goona.

Transportation

Greg Spotts, Director
Address: 700 5th Ave, Suite 3800, Seattle, WA, 98104
Mailing Address: PO Box 34996, Seattle, WA, 98124-4996
Phone: (206) 684-7623
684-Road@seattle.gov

Newsletter Updates

Subscribe

Sign up for the latest updates from Transportation

The Seattle Department of Transportation (SDOT) is on a mission to deliver a transportation system that provides safe and affordable access to places and opportunities for everyone as we work to achieve our vision of Seattle as a thriving, equitable community powered by dependable transportation.